Bagaa nagaan dhuftan!
Helenaa fi Tapio Räisänen gaaffii waa'ee michooma, fuudhaa fi heeruma akkasumas waa'ee jireenya maatii biyya Itoophiyaa keessatti barsiisaa fi gorsaan hojjechaa jiru. Hojiin isaanii inni galaan kan inni ilaalatu dargagootaa fi warra dhi'oo wal fuudhan bira ga'anii waa'ee fuudhaa fi heerumaa fi waa'ee jireenya maatii barsiisuu fi gorsuu dha.
Kutaan kun kan inni gargaaruuf akkaataa fuudhaa fi heeruma Waaqayyo dhaabeetti aadaa gara garaatiin ibsuu dha. Barsiisii fi gorsi waa'ee firoomaan olla ofii irraa baruu, michummaa fi gorsi waa'ee fuudhaa fi heerumaa rakkowwan baay'ee yeroo amma jiran, kan akka umnaan gargaaramanii waa balleessuu, dhibee sammuu fi dhukkuba akka AIDSII irraa tarii dhowwuu danda'a. Fuulloonni kun maatii, firootaa fi michoota waliin hojjetan kan biyyoota Finlandii fi Itoophiyaa walitti fidu.
marjaana.kainu(at)yahoo.com



