suomeksiin English

Maatii

PerhekuvaYeroo jalqabaatiif Helenaa fi Tapio Räisänen Amajjii bara 1970 (February 1978) gara Itoophiyaa adeeman. Isaan mana barumsaa Beetel sadarkaa lammaffaa (BESS, Bethel Evangelical Secondary School) Dembi Doolloo keessa barsiisan. Tapioon hojii mukaa bartoota warra dhiiraa barsiise. Helenaan immoo herregaa fi fiziksii barsiifte. Utuu Dembi Doolloo keessa jiranii ijoollee sadii godhatan. Ijoolleen isaan godhatan kunis Markus bara 1970 (1978) kan dhalate, Miika bara 1972 (1980) kan dhalatee fi Johanna bara 1975 (1983) kan dhalatte jedhama. Sababii ijoollee isaanii barsiifachuu barbaadaniif Waxabajjii bara 1985 (June 1993) gara Finlandiitti deebi'an

Kana booddee maatiin kun Finlandii keessa waggaa 11 turan. Waggoota sana keessatti barumsaa isaanii itti fufan. Helenaan " diaconess-nurse" taate, Tapioonis "youth and leasure instructor" ta'e. Markus ingeneerii ta'ee hojii isaa Mudde bara 1997 (January 2005) Kirkkonummiidhaa jalqabuuf jedha. Miika Tampereedhaa baraa jira, Johannaanis Ouluudhaa baraa jirti.

SylviAkkoo tokko qabu. Isaanis harme Helenaati. Maqaan isaanii Sylvi Jääskelä jedhamu, isaanis Haapavesi jiru. Waggaan isaanii torbaatama chaala, isaaniis kophaa isaanii mana isaanii keessa jiru. Jartiin kun dararaa dhaabuu jaallatuu gara biras hojii mana sagadaa hojjetu. Hojiin isaanii qotuu ture akkuma abbaa manaa isaanii. Isaan ijoollee 6 da'an, ijoolleen isaanii ijoollee 18 qabu, ijoolleen ijoollee isaanii ijoollee 6 qabu, walitti qabaatti ijoollee 30 qabu.

Fuula tokkoffaa